Gender Affairs Office
Affeerraa_keessummootakutaa12ffaa
- Details
- Category: Affeerraa_keessummootakutaa12ffaa
- Published on Saturday, 29 July 2023 19:05
- Written by Super User
- Hits: 534
Affeerraa keessummoota kutaa 12ffaa
Manajimantiin Yuunivarsiitii Wallaggaa guyyaa har'aa (22/11/2015) keessuummoota qormaata Biyyooleessaa kutaa 12ffaa raawwachiisuufi qoruuf ramadamaniif affeerraa laaqanaa taasisef.
Barsiisonni marsaa duraa qoraa turani gara naannoo dhufanitti deebu'aniif karaa nagaa isinii haata'u jechuuf kanneen marsaa duraa qoruuf dhufaniinis baga nagaan dhuftan jechuuf manajimantiin Yuunivarsiitichaa keessummoota laaqana (nyaata aadaa cumboo, ancootee) affeereera.
Affeerraa laaqanaa kanareatti haasaa gabaabaa kan taasisan kabajamoo Dr Hasan Yusuf, piresidaantiin Yuunivarsiitii Wallaggaa keessummootaan baga nagaan dhuftan jechuun nyaata Aadaa Wallaggaa ''CUMBOO'' keessummaa kabajaniifi jaallataniif dhiyaatu Uummanni Wallaggaa kabajaafi jaalalaa isiniif qabuu kunoo akkasitti bakka bu'oota hawwaasaa magaalaa Naqamtee waliin isin affeerra jedhan.
Carraa haala kenninsa qormaata kutaa 12ffaa hordofee hayyoonni fiixee biyyaa garaagaraa irra jiran bahaa-lixatti, kaabaa-kibbatti, naannoo keessa jiraatanii fi garaa baannolee biraa imaluun haala jireenya, aadaa, amantaa, duudhaalee, afaanota, uffannaa, kkf hawwaasa addaa addaa waliin wal baruuf carraa uumuu isaati jedhan.
Rakkoolee waliis baruuf gargaareeraa kan jedhan, Dr. Hasan haala qabatamaa bakka garaagaraa jiru, akka miidiyaa hawwaasaa irratti afuufamuu fi ololamu osoo hintaane, akkaataan jireenyaa, nageenyaa, rakkooleen hawwaasaa, sababa addaa addaatiin buqqaatiin bakka mara akka jiru kaasan. Hayyoonni immoo madaallii dhugaa qabachuun hariiroo hawwaasaa cimsu qabu, biyya kana ijaaruu keessatti gahee keessan bahuu qabdu jedhan.
Kaayyoo dhufaatii keessummota kanneenii yeroo ibsanis adeemsa kenninsa qormaataa hannaafi cabinsa naamusaarraa bilisa gochuun qoruun waan barbaachiseefi jedhan. Hundarraa caalaammoo Wal-keessaa deemuu hayyootaa naannoolee addaa addaa eegaluun dhugaa lafarra jiruufi hawwaasi akkamittiin akka wal wajjiin jiraachaa jiruu mirkaneeffachuun hangam sobiifi ololli qilleensa miidiyaalee hawwaasaa qabatee jiru haqarraa kan fagaate ta'uu hubachuuuf gargaaraa jedhan.
Hawwaasi naannoo/godinaalee Wallaggaa akkuma hawwaasa godinaalee naannolee biroo gawwaasa nagaa jaallatu, aadaa offi isaa qabu dabalataan aadaalee hawwaasita biro akka jiru, muuziqaaleen afaanota hedduu bakka itti dhaggeeffataman, hawwaasa keessummaaf siree isaa gad lakkisee lafa bulu, sababa gogiinsaan hawwaasota naannolee biraa irraa dhufanif mana ijaaree, lafa isaa kutee kenneefi dhala isaa waliin barsiisee hawwaasa sadarkaa guddaan gaheedha jedhan.
Wallaggi magariisa, rooba ji'oottan jahaaf argata, biyya warqee, biyya loonii, biyya bunaa, biyya albuudaa, biyya oomishaa, biyya qonnaati kan jedhan Dr. Hasan, badhaadhina biyta kanaafuu wabii guddaa kan ta'eefi gahee leencaa taphachuu kan danda'udhaa jedhan. Itti dabaluunis,Wallaggi biyya hayyootati, biyya kan bulchan, heera mootummaa kan baasan, walumaagalatti, ijaarsa biyyaa kana keessatti gahee olaanaa kan qabaniifi ammas ba'achaa jiranidha jedhan. Kanaafuu, rakkoolee yeroo mumul'ataniin osoo hindanqamiin, obsaan dabarree hariiroo uummataa cimsuun biyyaa badhaatuu haa mirkaneessinuu jechuun waamicha taasisan.
Keessummootaanis nageenyaaf jaalalaa hawwaasa magaalaa Naqamtee dinqisiifatanii turtii isaanii guyyoottan muraasaa keessattis simannaa, kabaja, nageenya, akka waliigalaatti naamusa hawwaasa keessa juru ajaa'ibsifachuun dubbatan.
Yaadolee keessummootaatti ni deebina.
Dhumarrattis, piresidaantii Yuunivarsiitii keenya waliin Godaanbaa yookiin Muuziyeemii Wallaggaa daawaataniiru.