Daawwannaan guyyaan dirree Qamadii Bonaa Gaggeeffame.
Yuunivarsiitiin Wallaggaa bona bara 2015 eegalee Inisheetiivii_Qonna_Qamadii_Bonaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa boce ergama isaa, baruufi barsiisuu, qorannoofi qo'annoo, akkasumas tajaajila hawwaasaa keessaa damee tajaajila hawwaasaa jalatti karoorsuun leenjii ogeessotafi qonnaan bulaa, deggersa teekinoloojii, sanyii filatamaa ooyiruu qonnaan bulaa irratti baay'isuufi dhiyeessuu, qophii lafaa hanga ittisa oomisha calleessuutti Inisheetiivii kanaaf tumsaafi deggersa ogummaa taasisaa tureera.
Haaluma kanaan, jiilli qaamolee hoggansaa, ogeeyyota olaanaa, fi qaamolee hawwaasa keessa babba'an of keessaa qabu haala fi sadarkaa Inisheetiivii qonni qamadii bonaa irra jiru daawwachuuf kaayyeffate ''Guyyaa Dirree'' Aanaa Jimmaa Arjoo Ganda Baadiyyaa Jaarsoo Kamisa Beeraa keessatti qoohaa'e Hogganaa Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Bahaa Obbo Asfaawu Hambisaan durfamuun daawwatameera.
Oomishi qamadii bonaa kun bifa yaaliin eegaluu kan dubbatan Obbo Asfaawu Hambisaa yeroo ammaa kana Aanaale Godinicha keessatti argaman 18 kessatti qonni qamadii bonaa gaggeeffamaa jiraachuu dubbatan. Yuunivarsiitiin Wallaggaa teeknoloojii fi galteewwan qonnaa qote bulaaf (kan akka sanyii filatamaa, xaa'oo, farra aramaa, keemikaala dhukkuba ittisanfi deggersa ogummaa taasisaa tureef galateeffataniiru. Yuunivarsiitiin keenya yeroo ammaa kana hojii Inisheetiivii Qonna Qamadii bonaa hektaara 200 olirratti gaggeeffamaa jiru deggeraa jiraachus himan.
Yuunivarsiitichi humnaafi ogeeyyii qabu fayyadamee oomishtummaan isaanii bu'aa qorannoon kan mirkanaa'ee cehumsa teeknoloojii irratti deggersa bal'aa akka taasifamuuf gaafatan. Akkasumas, tumsi walfakkaatu oomisha dammaa fooyyeessuu irratti, horsiisa lukkuuf cuucii hawwaasaaf diyeessuuf, Avokaadoo, buna, loon Aannanii kan kana fakkaatan irratti walta'insaan yok hojjetame jireenya hawwaasa keenyaa fooyyeessuu dandeenyaa jedhan. Hirmaannaafi dhiibbaa gaarii Yuunivarsiitiin Wallagga habga ammaatti taasiseef dinqisiifataniiru.
Haaluma kanaan, Aanaa Jimma Arjootti Ganda Jaarsoo Kamisa Beeratti Yuunivarsiitiin Wallaggaa bara omisha 2017 tti deggersa callaa guddistuu addaa addaa kan akka xaa'oo NPS Kuntaala 35, UREA kuntaala 52.5, Sanyii Qamadii Kuntaala 52.5 tumsa taasisuun Lafa hektaara 35 irraatti Kilastera 2n/lama/ qooduun hirmatoota yookiin fayyadamtoota Qonnaan Bula 140 (dhi 118 fi dubartoota 14) hirmachise daawwatameera. Daawwannaa kanaanis qonnaan bultoonni inisheetiivii kanaan hammatanii jiran gammadoo ta'uufi deggersa Yuunivarsiitiin Wallaggaa isaanii taasiseef galateeffataniiru. Daawwannaa kanarratti hoggansi bulchiinsaa, ogeeyyiin qonnaa sadarkaan jiran, hoggansi paartiifi bakka buutuun uummataa naannichaa argamaniiru.