- Details
- Published on Tuesday, 11 January 2022 08:10
Yunivarsiitiin Wallaggaa Buqqaatootaaf Gargaarsa Erge
Yunivarsiitiin Wallaggaa hawaasaa Yunivarsiitichaafi qooda-fudhattootaa hedduu hirmaachisuun harka qalleeyyii bira dhaabbachuun deggersa gochaa turuun niyaadatama.Nammoota sabaaba walitti bu'insaafi waraana/lola irraan kan ka'e qe'efi mana isaanii irraa buqqaa'aniis gargaarsa erguun jajjabeessaa turuun niyaadatama.
Godinaalee Wallaggaa keessumattuu,G/W/Bahaa keessatti rakkoolee nageenyaa mudataniin maatiiwwaan hedduun ooyiruu, qee'efi beeyiladootaa isaanii facaasuun buqqauun nibeekama.
Haaluma walfakkaatuun, barsiisonni Yunivarsiitii Wallaggaa hojii tola-ooltummaa irratti hirmaatan kaka'umsaa dhuunfaa isaanitiin lakkofsa herrega baankii banuun hawaasaa biyya keessaafi alaa irra deegeersa Qar. mil. Sadii oli quuqamtootaa kanneen irraa walitti qabuun dandaa'ameera.
Qarshii midhaan nyaataa kuntaala 300f (kuntaala 120)i ruuzii, daakuu (kuntaala 150) fi zayiita nyaataa (Litira 600), firaashii (300), uffata halkanii (200) bitamee garuu sababa rakkoo nageenyaa yeroon geessisuun hindandaa'amne guyyaa har'aa bulchitoota Giddaafi Kiiramuutti kennuun uummata buqa'e bira akka ga'an waadaa itti dabarsaniiru. Gargaarsi walfakkaatu kanaan dura buqqaatoota magaalaa Siree qubataniif taasifamuu yaadachiisuun, kabajamoo dr. Hasan Yusuf, piresidaantiin Yunivarsiitii Wallaggaa gargaarsi kun buqqaattota kunneenif akka ga'u abdii qaban dubbataniiru. Akkasumas, koree kaka'umsaa dhuunfaa isaaniitiin deeggersa kana walitti qaban galateeffataniiru.
Bulchaan aanaa Giddaa Ayyaanaa ob. Adaanaa Alaamirroos deggersa taasifameef galateeffatanii buqqaatonni rakkoo hedduu keessa akka jiran dubbatanii qaamoleen kan biroos deggersa walfakkaatan akaa isaanii taasifamu gaafataniiru.
========================