About Department of Afan Oromo and Literature

Muummeen Afaaniifi Ogbarruu Oromoo Muummeewwan Yuunivarsiitiin Wallaggaa yeroo jalqabaaf bara 1999 A.L.I. ittiin hundeeffame keessaa isa tokko. Yeroo kanattis barattoota digrii jalqabaa fudhachuun seenaa, aadaa, duudhaa, falaasamaafi sona hawaasichaa akka beekaniifi cinaatti barnootaan gahumsaafi dorgomaa akka ta’aniif barattoota barsiisuun hojiisaa kan eegaledha. Haaluma kanaan yeroo ammas sadarkaa digrii jalqabaan idilee, dhumtorbee, galgalaafi fageenyaan barattoota simatee barsiiisaa kan jirudha. Dabalataanis, dandeettiifi ogummaan barsiisota muummichaa akkuma dabalaa deemeen bara 2003 A.L.I waliin gahiinsaafi carraa barnoota hawaasaaf babal’isuun  barnoota digrii 2ffaa sagantaa gannaan kan eegaledha.Yeroo kanattis sagantaalee lamaan jechuunis Afaaniifi Oguma Oromoo barsiisuu kan jedhuufi Fookiloriin sagantaa digrii 2ffaa banuun hanga har’aatti lammiilee hedduuf akka isaan sadarkaa barnoota isaanii fooyyeeffataniif shoora olaanaa bahachaa jira.  Ittuma fufuun gara sagantaa dhum-torbeefi idileetti itti fufsiisuun hojiisaa kan itti fufedha. Dabalataanis, muummichi sagantaa isaa babbal’isuun  barnoota digrii 3ffaa (PhD) bara 2008 banuun akka biyyaatti yeroo jalqabaaf sagantaa kana itti fufsiisuun kan beekamuudha. Kana cinaattiis Sadarkaa digrii sadaffaan Falaasama dooktorummaa Afaan Dhalootaan jedhuunis sagantaa digrii 3ffaa kan hordofsiisaa jirudha.

Campuses

Main Campus (Nekemte)

Gimbi Campus(Faculty of Social Science and Humanity, Resource Mgmt. and Economics, Natural and Environmental Science , Business and Development )

Shambu Campus(Fuculty of Agriculture, Technology, Resource Mgmt. and Economics )