Jiilli dawwaannaa biyya Jarmanitti gaggeesse muuxannoo qoode

Jiilli dawwaannaa biyya Jarmanitti gaggeesse muuxannoo qoode

germanGaree hoggansaa Yuunivarsiitii Wallaggaa muuxannoo daawwannaa Dhaabbilee barnoota olaanaa Applaayidi, Warshaalee fi Industrii biyya Jarmaniitti taasise ilaalchisee manajimantiif, muummeewwaniifi koolleejjotaaf muuxannoo qoode.

Qoqqodamiinsa Dhaabbilee barnoota olaanoo biyyaa kanaa hordofuun Yuunivarsiitiin keenya akka Yuunivarsiitii Applaayid Saayinsiitti qoidamuun isaa niyaadatama. Yuunivarsiitii waligalaarraa gara Yuunivarsiitii Appilaayidiiti Ce'uuf qophiilee addaa addaa taasisaa tureera. Hojiilee hubannoo uumuu, sirna barnootaa jiran seecca'uu fi haaraa bocuu, karoora waggaa 10 bocuu kan kana fakkaatan hojjetamuu yaadachiifameera.

Yuunivarsiitiin Wallaggaa akka giddu gala qulqullinaati:

1. Barnoota qonnaa, Agrii bizinesii fi galtee warshaa

2. Barnoota Injinaringii fi Teeknoloojii

3. Barnootaa Fayyaa

4. Qorannoo fi Injinaringii Albuudaa adda baafachuun hojiitti galuuf qophiilee meeshaalee guuttachuu, laabiraatoorii gurmeessuu, dhaabbilee qorannoo, industrii, warshaalee, qooda-fudhattoota biyya keessaa fi alaa waliin hariiroo uummachuuf sochii bal'aa taasisaa jira.

Qaama sochii qophii taasisuu keessa tokko daawwaannaa dhaabbilee barnoota Appilaayidii ta'an taasisuudha. Bu'uuruma kanaan Piresidaantii (kabajamoo Dr. Hasan Yusuf) fi itti aanaa Piresidaantii Dhimmootaa Akkaadaamii (Dr. Malkaa Hiikaa) Yuunivarsiitii Wallaggaa kanneen biroo waliin dhaabbilee barnootaa olaanoo biyya Jarmanii keessatti argaman daawwachuun (7th-19th May, 2023) deebi'aniiru.

german12Daawwaannaa kanaanis hubannoo isaan adeemsa baruu barsiisuu Yuunivarsiitota Appilaayidii, caaseffame isaanii (gurmaa'inaafi walitti hidhamiinsa muummeewwan barnootaa addaa addaa) sirna barnootaa, hariiroo isaani Industroota waliin qaban, aadaa hojii fi tarsiimoo ittin gaggeefdaman, dhimmoota qorannoo wal qabatan, kalaqa teeknoloojii, fi kanneen biroo irratti muuxannoo fi hubannoo argatan Dr Hasan Yusuf fi Dr Malkaan hirmaattota marii kanaaf qoodaniiru.

Gosi barnootaa ogummaa cimsuuf oolan waliin qindaa'uu akka qaban, irra deebiin muummeewwan akka Yuunivarsiitii Appilaayidiitti itti fufuu danda'an cimsuuf kanneen hinjirre bocuun mirkaneessisuu, carraalee misoomaa jiran qorachuu, giddu-gala kalaqaa, guddinaafi misoomaa hundeessuufi gurmeessuu, humna namaa oomishuu, fi kan kana fakkaatan ka'anii kallattii haaraa, ilaacha haaraa, adeemsa baruu barsiisuu gocha irratti hundaa'e, qorannoo rakkoo hiiku bocuufi hojiitti hiikuu, fi kana fakkaatan hubannoo guutuu fi xiyyeeffannaa itti kennuun akka barbaachisu himameera.

Daawwaannaan fi muuxannoo qooddachuu dhaabbilee barnootaa biyya Jarmanii kun haala qabatamaa biyya keenyaafi Yuunivarsiitii keenyaatti wantoota fayyadan irraa fudhachhuun yaad-rimee dhuma Yuunivarsiitii Applaayid Saayinsii kanarratti hubannoo walfakkaatu qabaachuufi karoora fi pirojeektii qopheessuun hojiitti galuu akka ta'e, kabajamoo piresidaantii Yuunivarsiitii keenya Dr. Hasan Yusuf ibsaniiru.

   
© Wollega University