Boordiin Bulchiinsaa Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaa Raawwii Karoora kurmaana 3ffaa Gamaggame

Boordiin Bulchiinsaa Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaa Raawwii Karoora kurmaana 3ffaa Gamaggame

1 6Guyyaa har'aa (03/08/2016) bulchiinsi Boordii Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallagga Raawwii Hojii kurmaana_3ffaa bara 2016 fi Dhimmoota garaa garaa irratti mari’ate.

Walitti-qabaa boordichaa kan ta'aniif I/A/piresidaantii Qorannoo, Tajaajila hawwaasaafi walta'insa Induustirii, Dr. Dirriibaa Dhiibbaa, gama isaaniin miseensoota boordichaan baga nagaan dhuftan jechuun ajandaa marii beeksiisaniiru. Qaboo walgahii kumaana 2ffaa qoratanii mirkaneessaniiru.

Adeemsa fi ulaagaalee gamaggama biiroolee Fayyaa Oromiyaafi Federaalaa Hospitaalicha gara Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii guddisuuf deemamee miseensota boordichaaf ibsaniiru, Dr Tamasgeen Xilaahun, hojii gaggeessaan Olaanaa Institiyuutii Saayinsii Fayyaa Yuunivarsiitichaa. Gamaaggama keessoofi gamaaggama qaamolee alaan marsaa lamaaf gaggeessameen qabxii waliigala %80.5 argachuun ramaddii magariisaan gara Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdiitti guddachuu isaa ibsaniiru. Miseensonni boordichaas bu'aa argameef manajimantii olaanaa Yuunivarsiiitii fi Hospitaalichaa galateeffataniiru.

Itti aansuunis Dr. Tamasgeen Xilaahun gabaasa raawwii karoora 2016 keessaa kan kurmaana 3ffaa dhiheessan. Gabaasa isaanii keessattis hospitaalichi galma kudha tokkoon karooraafi raawwi isaanii walcina qabuun dhiyyeessaniiru.

Yeroo ammaa kana walumaagalatti barattoota 1408 barsiisaa jiraachuu, hojjettoota (akkaadaamikiifi, tajaajila kilinikaafi bulchiinsaa) 1065 qabaachuus ibsameera.

1 7Kurmaana 3ffaa kanatti itti quufiinsa maamiltootaa %91 galmaa'uu, sababoota meeshaalee fayyaa ammayyaawaa hojii eegalsiisuufi inshuraansii fayyaa maamiltoonni yaalaman karooraa ol ta'uus eerameera. Yaalii atattamaafi Kunuunsa yaalii cimaanis (ICU) raawwiin karoora ol ta'us gabaasichi ni mul'isa. Yeroo dhiyoo asitti yaalii Kaanserii daa'immanii eegalame dabalatee, yaliin kaanserrii akka waliigalaatti karoorarra %164n akka raawwates himameera.

Yaalii olaanaaf dhukkubsatoota gara hospitaalota gurguddootti dabarsuun yoo hir'isellee sababa hanqina gosoota/bu'aa dhiigaa (blood products) gara biraatti ergamaa akka jiranis ibsameera. Hojjettoonni hospitaalichaa sagantaa arjooma dhiigaan yuuniitii 119 arjoomuu isaaniis himameera.

Faarmaasonni Hospitaalichaa qoricha ga'aa akka qabaniifi garuu sababoota nageenyaan Faarmaasora Moodalaa Gimbiifi Shaambuuf qoricha galchuun akka hindandaa'amne ibsameera.

1 8Hojjettoonni/ogeeyyiin 36 eeyama ogummaa akka dhiyeeffatanif hojjettoonni 53 immoo raawwii olaanaan adda baafamuu isaaniis himameera. Akkaataa caasaa haaraa hojjettoota Mootummaatiin hojjettoota akkaadaamiikiifi hojjettoita tajaajila Kiliniikaa kennan walitti makuuf piroppoozaaliin qophaa'ee akka jiru, kanneen akkaadaamii yookiin barsiisuurraa dhufan shaakallii hojiirraa ji'oota sadiif akka taasisan akkasumas hojjettoonni tajaajila kiliniikaa kennaa turanif immoo carraan sadarkaa barnoota isaanii guddifachuu qophaa'ee akka jiru ibsameera.

Miseensonni boordiis gaaffileefi yaada qaban gaggeessaa olaanaa hospitaalichaa kan ta'aniif dhiyyeessanii ibsi bal'aan kennameeraaf. Dhimmoonni ogeessa suphaa meshaalee fayyaa leenjisuufi hospitaalicha keessatti gurmeessuu karoorfamee akka irratti hojjetamu, barumsi fayyaa cimee akka itti fufu, maxxansi bu'aa qorannoo qulqullinaan akka gaggeeffamu, deggersifi qormaanni qaamolee alaan barattoota fayyaaf kennamaa jirus haala gaariin madaalameera.

Dhumarrattis, hojiileen kutaalee garaa garaa daash boordiidhaan guyyaa guyyaan hordofama jirus daawwatameera. Ijaaarsi isaanii xumuramaa kan jiru appartimantii gamoo waliin jireenyaa Dooktaroota 

Ispeeshaalistii fi gamoon bulchilnsaa hospitaalichaa daawwatameera. Walgaahichi Kallattii hojii kennuun raawwateera.

 

   
© Wollega University