“Sagalee Keessan Raadiyoo Keessaniin Dhaggeeffadhaa” FM 89.3 Raadiyoo Keessani!
SEENSA
Yuunivarsiitiin Wallaggaa Bara 1999 A.L.I irraa kaasee baruufi barsiisuu kan eegale yoo ta’u, xiyyeeffannoon isaa inni guddaan rakkoo hawaasa naannoo qo’annoofi qorannoon furuu ta’ee, kallattiiwan adda addaatiin hawaasaaf tajaajila olaanaa gumaachaa jira. Dhaabbanni Raadiyoo Hawaasa Yuunivarsiitii Wallaggaas tajaajila Yuunivarsiitin Wallaggaa Hawaasa naannoof kennu qabatamaan gabaasuun Yuunivarsiitiifi hawaasa naannoo gidduu hariiroo cimaan akka uumamuuf ga’ee isaa bahaa jira.
Haaluma kanaan, Raadiyoon Hawaasa Yuunivarsiitii Wallaggaa, FM 89.3 Waxabajjii 24/2004 Abbaa taayitaa biroodkaastiirraa eeyyama hojii fudhachuun Onkololeessaa 2005 kaasee tamsaasa yaaliitiin eegale. Yeroo ammaa kanatti Raadiyoon FM 89.3 kun Afaan Oromoofi Afaan Amaaraatiin tamsaasa idileen hojjechaa jiraachuun isaa beekamaadha. Gara fuula duraattis meeshaalee tamsaasaafi bal’ina haguuggii keenyaa dabaluun Afaan sadiin isaanis: Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziin tamsaasuuf karoorfamee jira.
Hundeeffamni Raadiyoo kanaa ‘Xiyyeeffannoo Hawaasaafi Dhaabbata Barnoota Olaanaa’ maqaa jedhuun eeyyama fudhachuun moggaafamee hojii keessaa galee jira.
MUL’ATA
- Odeeffaannoo sirriifi yeroo isaa eegeen hawaasaa Yuunivarsiitii Wallaggaafi naannoo isaa bashannansiisaa barsiisuun hirmaannaa cimsuu.
ERGAMA
- Hawaasa Yuunivarsiitii Wallaggaafi naannoo isaa maraaf odeeffannoo yeroo isaa eegeefi haqa qabeessa ta’e dhiyeessuu,
- Odeeffaannoo bashannansiisaa, wayitaawaafi barsiisaa ta’e dhiyeessuudha.
KAAYYOO
- Dhaabbanni Raadiyoo Yuuniversiitii Wallaggaa kun sagalee Hawaasa Yuunivarsiitichaafi naannoo isaa ta’ee, seeraafi adeemsa biroodkaastii akkasumas, labsii bilisummaa miidiyaa kabajee socho’uun, odeeffaannoo wayitaawaafi qabatamaa ta’een hawaasa walitti hidhuu.
- Haala ammayyaawaa ta’een odeeffannoo si’ataafi yeroo isaa eege gurra hawaasaan ga’uu,
- Hojiilee gurguddoo Yuunivarsiitiin Wallaggaa hojjetu hawaasatti beeksisuufi
- Odeeffaannoo miidiyaalee birootiin xiyyeeffannoo hinarganne bilisaan hawaasa biraan ga’uufi hawaasa hirmaachisuu.
QOPHIILEE KEENYA TORBANII
- Barnoota, Qo’annoofi Qorannoo
- Qophii Fayyaa
- Qophii Daa’immaniifi Dubartootaa
- Qophii Hawaasummaa
- Qophii Dirree Haqaa
- Qophii Gumaata Waamaraa
- Aadaafi Artii
- Kan dubbisnerraafi bashannana garaagaraa hawaasarraa hawaasaaf fa’i.
TAMSAASA TORBANII
Yeroo hunda Wiixataa hanga Jimaataattii
- Ganama sa’aatii 1:00 -3:00 tti Afaan Oromootiin
- Guyyaa sa’aatii 5:00 -7:00 tti Afaan Oromootiin
- Galgala sa’aatii 12:00 -2:00tti Afaan Amaaraatiin
GUYYOOTA BOQONNAA
- Ganama sa’aatii 3:00-5:00 tti Afaan Oromootiin
- Galgala sa’aatii 12:00-2:00tti Afaan Amaaraatiin kan tamsaasnu yoo ta’u; walii galatti torbanitti sa’aatii 38 yeroo qilleensaa qabna.
Qophiilee keenyarratti yaada yookaan qeeqa yoo qabaattan karaa toora bilbila keenyaa
057661-9092 ykn 0985200152 “HALOO” nuun jedhaa.
“Sagalee Keessan Raadiyoo Keessaniin Dhaggeeffadhaa” FM 89.3 Raadiyoo Keessani!
RAADIYOO HAWAASA YUUNIVARSIITII WALLAGGAA
FM 89.3